Sunday, June 2, 2013 2:44:04 AM
ﺑﺴﻢ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﺮﺣﻤﻦ ﺍﻟﺮﺣﻴﻢ
Oduu akka Ka'aabaan itti ijaarantee
Guyyatti yeroo shaan (5) kara qiblaa (Ka’abaa) akka gara gallee salaannu
Rabbiin nu ajaje. bakkaa fi biyya feene
jiraannullee …duuba
akkaata itti jaaramte
quba qabduu....?
Abdullaahi ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti Nabi Ibraahiim(N.R.I.H.)
warra isaa Haajaraa fi
ilma isaa Ismaa’iil odoo isa hoosiftuu biyya shaamirraa fidee bakka amma Ka’abaan jirtu
muka dambii bira bakka
bishaan zamzam jiru
kaaye. yeroo san biyya
Makkaa keessa namni
tokko hin jiraatu achi
kaaye.
qurbata bishaaniitii fi
nyaata qanqalloo timiraa takkaa waliin bira kaayee biraa deeme.
.Haajaraan lafaa kaatee “eessatti deemta, biyya
wanni takka hin jirretti nudhiiftee? “jatteen. ammo
Nabi Ibraahiim garagalee deebisaa hinkannineef
“Rabbiitu si'ajajee?"
jatteen “ ee “jedheen "hayaa! eega akkas taate Rabbiin nuhindagatuu
“jattee gama ilmoo isii deebite.
.Nabi Ibraahiim bakka
Saniyyaa jedhamtu
dhaabbatee Rabbi
kadhachuufii jalqabe
“Yaa Rabbii keenya warra kiyya laga humaa hin qabne mana kee kabajamaa birattiin dhiise,
akka salaata achitti
salaataniif, akka lubbuun ilma namaa gama isaanii
hawwitu godhi, midhaan nyaatanillee isaaniif kanni akka galata siif galchaniif
” jedheeti kadhateef .
San booda Haajaraan ilma isii luugsisuu itti fufte, bishaan qurbataa san dhugaa timira saniis
nyaachaa jiraachuu itti fufan, hanga bishaan sanii
fii timirri duraa dhumutti.
mucaan waan dhugu
dhabnaan akka nama
du’utti jiruu gara
gaggaluu jalqabe, yeroo kana haati isaa gaara Safaa jedhamu gubbaa olbaatee fuula isii kara dhooqaa deebistee laaluu
jalqabde nama tokkollee dhabnaan gadi buutee fiiyde hanga laga
qaxxaamurtutti san
booda gaara Marwaa
jehamu gubbaa olbaatee dhaabbatte haala kanaan yeroo torba (7) gaara
lamaan jidduu ol bahaa gadi bu'aa fifiiyde.
.Abdallaahi ibnu Abbaas sababaa kanaaf namni
yeroo hajjii ykn Umraa godhu yeroo torba safaa
fii marwaa jidduu fifiiga jedhe. yeroo 7 ffaa tulluu marwaa jedhamtu irra
dhaabbattee sagalee
takka dhageesse
“gargaarsa qabduu
nugargaaraa" jatteen.
yeroo san bakka amma bishaan zam zam jiru kana malaaykicha tokko
argite hirpha isaatiin lafa haadhee bishaan amma zam zam jedhamu kana
baaseef.
.zam zam jachuun afaan oromootti Suuta suuta jachuudha. bishaan waan
argiteef harka isiitiin
walitti dhoorkaa, qurbata isii keessatti
hammaarachuu jalqabde zam zam jachaa. bishaan
akkaan madduu jalqabe,
Abddullaahi ibnu Abbaas Ergamaan Rabbii ( N.R.I.H.J)
Haadha Ismaa’il Rabbiin rahamata haagodhuuf osoo harkaan walitti
dhoorkuu baattee arra
bishaan zam zam laga
guddaa taha jedhe . bishaan argite kana dhugaa mucaa isii kan duraan waan luuysiftu dhabde isa san hoosisuu jalqabde ,
Malaaykichi bishaan
baaseef san
“nihiyyoomnaa hin
sodaatinaa bakka tana
mana Rabbiitu jiraa
mucaa kanaa fi abbaa
isaatu jaaraa ”jedheen .
bakki Ka’abaa lafarraa ol kaatuu waan taateef galaanaatu moggaa lamaaniin dabra ture.
yeroo san Ismaa’ilii fi
Haati isaa haala saniin
osoo jiranii gosti JURHUM jedhamtu gara isaanii
dhufaanii isaan bira
qubatan . gosti tun karaa Kadaa jedhamuun dhufanii
Makkaa qubatan , osoo taa’utti jiranii shinbirroo bishaan gubbaa naannooftu argan Bakka sanitti nama erganii laali
jedhaniin achitti bishaan argee deebi’ee ummata
isaatiif hime, yeroo san haati Ismaa’il bishaan bira
qubattee waan jirtuuf
“sibira qubachu feenaa hayyama nuuf godhi” jedhaniin .
“ Hayyama isiniifiin
godhaa, garuu bishaan kiyya" jatteen haya jedhanii san irratti wal tahaani waliin jiraachuu
jalqaban

Unregistered user # Monday, June 10, 2013 4:40:30 PM
Unregistered user # Monday, June 10, 2013 4:44:38 PM